Yuutuubarootni akkamitti Galii olaanaa Yuutuubii irraa argachuu danda’u

#Yuutuubarootaaf – Keenyaaf – #Share godhaa
****
Yuutuubiin abbummaan isaa kan dhaabbata guddinya addunyaa kanaa Gugilii yoo tahu, Bara 2008 dha, kan Doolara Bil 1.8 bitame yoo tahu kan hundaaye garuu bara 2005 A.L.A
Yuutuubiin yeroo ammaa Galii namoota miliyoona 40 oliif carraa hojii uumee ji’a ji’aan kafaltii raawwata. Kana keessaa daa’imni waggaa 9- Ryan jedhamu Hordoftoota Mil23.3 irraa Doolara Mil-26 argachuudhaan dursa qabateera. Kan itti aanu Doolara Mil.25.7, Doolara Mil.24, Doolara Mil.20.1 fi Doolara Mil.19.7 dureeyyii Yuutuubaroota bara kanaa tahuu gaazexaan #Forbes gabaaseera.

Gara dhaamsa yuutuubaroota keenyaaf dhaamuu dhufetti yoo deebi’u, Haaluma gubbatti tuquuf yaaletti ji’atti mitii guyyatiyyuu baasii xiqqaadhaan galii guddaa argachuun ni danda’ama. Namootni itti hojjatan irraayis fayyadamaa jiru. Haalli hubannoo fi murannoo keenyaa gargar haatahu malee namoota heddutu carraa kanatti fayyadamee jireenya isaanii gaggeessaa jiru. Kanaanis Yuutuubarootni Itoophiyaa ykn Qabiyyee Biyya Itoophiyaa irratti fuulleffatu hojjachuun kan beekkaman lakkoosaan hedduu yoo tahani kanneen irraa fayyadamaa jira ykn faayidaa barbaachisa argachaa jiraniifi turan isaan warra soddaa keenyaa akka tahe hundi keenya ni beekna, dhugaa ifa jirus. kanaanis hordoftoota heddu qabaachuu qofa osoo hin taane sagantaa heddu qopheessuudhaan, Fkn:- akka (miidiyaatti, bashannanaaf, odeeffannoof, barumsaaf, beeksisaaf, sirbaaf, …kkf) hedduuf dhimma itti bahuudhaan Ji’ootaan Galii hanga Qarshii Miliyoona 100tti dhiyaatu argachuu bira gahaniiru. Ummani keenya haala kanaaf irraa fayyadamuu mitii irraa ilaallee hojitti jijjiiruuniyyuu hedduu keenyatti ulfaateera, hedduun ammoo galiin yuutuubii irraa argama jedhamu kunoo soba jedhee kan mormu namoota baadiyaa keenya osoo hin taane namootuma keenya barnoota gahaa qaban magaalaa jiran heddu argina. Kun rakkoo fi hanqina odeeffannoo dhabuu, miidiyaa siyaasa irratti malee diinagdee fi tekinoolojii irrattu hawaasa kakaasu dhabuu keenyaan qaawwi heddu nutti uumamuu ni hubanna. Maal isa qofa, isuma Siyaasa irratti hojjatuu kan arganne reefuu waggaa 5 moo gaha gahuuf jenna mitii. Miidiyaadhaaf kan daandii banee hawaasa keenya ija bane dhufaatii OMN booda natti fakkaata.
Kanas tahee sana, Yuutuubiin yeroo ammaa mallaqa doolara miliyoonotaan lakkaawamu kafalaa jiraachuun wal-nama hin gaafachiisu, Namootni keenyas heddu hubachuuyyuu bira darbanii mallaqichumaa dhandhamuu eegalaniiru. kanumaaf yeroo ammaa hedduun namootaa keessattuu Artistootni fiiganii kophaa kophatti eenyummeessaa(account) banatanii hojiisaanii irra olkaayatanii Mallaqa nuuf galcha jedhanii akkuma nama saani dorrobeefii dhalaaf eeggatuu eegutti jiru argaa jiru. @oroict ammoo hedduun namaa akkaataa galii argatuun akka qindeessinuuf(setting) hojjannuuf gaaffilee heddu keessummeessutti jirra. Kanaaf ammoo nutti tolee hawaasa keenya tajaajilla. Bilisaan Ogummaadhaan saba keenya tajaajiluun siluma kaayyoo keenya waan tureef.

Haaluma kanaan, Mallaqa Doolara hedduu argamu kana argatanii kan mi’eeffatan, #Yuutuubaroota bebeekkamoo hordoftoota hedduu horatanii bebeekkaman garee warra soddaa irraa hojii gadi bu’aa keessattuu saba keenya irraa jibbaa qabaniif hojiilee akka – saba arrabsuu, maqaa balleessuu, oduu sobaa tamsaasuu, Gadi-aantummaa saboota hedduu fi olaantummaa isaanii calaqqisisuudhaan oduu jibbiinsaa fi tuffiin guutame, olola sobaa hojii godhatanii bara dheeraaf hojjatanii ittiin badhaadhan hedduu yommuu tahan, yeroo ammaa rakkoo biyyattii keessatti mudateen walqabatee Marsaaleen qunnamtii hawaasaa akka Feesbuukii, twitter, Instagram, yuutuubii #Xiyyeeffannoo guddaa kennanii hojjachaa kan jiran tahuu qofa osoo hin taane Namoota akkasitti ummata keenya arrabsaa sabaaf sabalammoota giddutti rakkoo uumuuf haasaa jibbiinsaa fi oduu sobaa tamsaasaa turan hedduu qilleesarraa guuramaa jiru.
#Yuutuubarootni kunneen kaan dhuunfaan kaan gareen akka dhaabbataattos kanneen hojjachaa turaniifi galii guddaa irraa argachaa turan yoo tahu, Hojii isaanii kanaan faayidaa heddu argachaa turan
1) akka garaa isaanitti waan fedhan jedhaaa abbaa fedhan arrabsuudhaan hamilee sabootaaf sablammootaa irra deemaa turan
2) Arraba/oduu sobaa/kijiba/haasaa jibbiinsa isaaniitiif namootni baay’ee miira keessa seenuudhaan deebii waan kennaniif beekkamtii salphatti horachuuf isaan gargaare
3) Arraba/oduu sobaa/kijiba/haasaa jibbiinsa isaanii kun salphaatti namoota heddu bira waan gahuuf Galiin irraa argatan hedduu waan taheef jireenya dhuunfaatis tahee waloo isaaniitiif haala kan mijeesseef ture
Kanaanis, #Yuutuubaroota haala kanaan beekkamtii horatanii hordoftoota hedduu qbaatanii galii guddaa argachaa turan kanneen amma jalaa cufaman muraasni
• Zehabesha
• Yeneta Tube የኔታ(isa Siyum Tashoomee irratti bahee ummata arrabsaa oolu)
• Zena Tube
• Adebabay
fi kkf dha.
Kana qofaa miti, Yuutuubii irratti odeeffannoo sobaa kanneen tamsaasan hunda Gabaasuudhaan tarkaanfiin walfakkaataan akka irratti fudhatamu gochuus qabna.

Walumaagalatti, #Yuutuubarootni keenya wanti beekuu qabdan isin hedduu miti, isaan kaan reefuu eegale, kanneen reefuu eegalanis sirnaan hojjannaan salphaatti yeroo gabaatti milkaayuu ykn galii gaarii fiduu eegalu. Hanga ammaatti odeeffannoo tokko tokko jiruun ijoolleen keenya #Top100 yuutuubaroota Itoophiyaa keessa jiraniyyuu hin jiran yoo jiraatanis muraasa, hedduu jabaachuu qabdu, hojii gaarii hojjachutu isin irraa eegama. #Yuutuubarootni keenya hedduu kan hamilee buusaa ture keessaa isaan nu gataniiru isaan waliin dorgomuun hin danda’amu ilaalcha jedhu keessa kan turan ture. Amma yeroon!. Hojii qulqullina qabuufi sirrii hojjachuudhaan injifachuu dandeessu. Dogoggora isaanii irraa ammoo barachuun barbaachisaadha. akkuma warra miliyoona heddu horatanii sana milkaayuu dandeenya waan taheef hubannoo gahaa qabaannee cimnee irratti haa hojjannu jechaa. Ija Ogummaatiin yeroo hedduu wanti agarru, #Yuutuubarooota keenya heddu irraa amala hinaaffaatu muldhata. Kun humna ykn diinagdeedhaan hawaasni keenya duuba waan jiruuf ilaalchi akkasii hedduumata, hunduu ofumaaf waa argachuuf dursa kenna. Viidiyoo waliif kennuu ykn namni tokko viidiyoo waljalaa yoo maxxansu gabaasuudhaan walirratti qabsiisuu fa’atu deddeebi’uu muldhata. Hojiin ummata keenyaa kanneen hojjatamanii as hin bahu=in hedduu waan taheef isa irratti xiyyeeffachuudhaan milkaayuu akka dandeenyu hubachuun barbaachisaadha. walgargaaruufi walbasiisuun baay’ee barbaachisa. Waljajjabeessuudhaan hamilee walitti horuun baay’ee barbaachisa. Yeroo itti-aanutti akkaataa hordoftoota heddu horannuun ykn akkaataa galii gaarii hamma dadhabbii keenyaa itti argannuun irratti hubannoo gahaa waliif kennina.

#Share godhaa waliif dabarsaa
Odeeffannoo dabalataa
https://t.me/oroict_com hordofaa

Horaa Bulaa Deebanaa
@oroict

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *