Oduu Gammachiisaa | Namoota Karaa Interneetaa Galii argachuuf hojjattaniif:

Dhaabbatni Marsaa Hawaasaa Telegiraam jedhamuun beekkamu, Oduu Gammachiisaa 2 ifa godheera.

Ibsi dhaabbatichaa kun Namoota Karaa Interneetaa Galii argachuuf hojjachaa turanii fi kanneen bifa haaraan hojjachuu barbaadan hundumaaf Oduu gammachiisaafi carraa guddaadha.
Oduun gara dhaabbata Telegiraama kana iraa hardha 01/04/2024 dhagahamte kun Dhaabbatichi 1) Hojii nuti hojjannuuf kafaltii kafaluu eegaluuf qophii tahuu fi 2) Tooftaa beeksisa haaraa eegalchiisuuf karoorsuu isaati. Tooftaan dhaabbatichi kafaltii kafaluuf fayyadames kanneen dhaabbilee biroo irraa adda jedhameera. Baldhinnisaa akka asii gadiiiti.

1ffaan) Maamiltootasaa Chaanaalii qabaniif Beeksisa Kafaltii argamsiisuu danda’u hojiirra oolchuuf yoo tahu.
Dhaabbatichi Maamiltootasaa Chaanaalii Maamiltoota(subscribers) 1000 ol qabaannaan, galii beeksisa irraa argamu keessaa dhibbeentaa shantama(%50) akka argatan dhaabbatichi ibsa baaseen ibseera. Kafaltiin galii kanarraa argamus qoodamiinsa malee ykn osoo hin hirdhatin(without any commission), argama bakkaatiin(collectible addresses) ykn Maamilummaa kafalameen(premium subscription) osoo gargar hin bahin kan kafalamuudha jedhameera. – Kun ammoo Kafaltii karaa Interneetaatiin godhamu(fkn, Yuutuubii, Facebook, Twitter, Google…fa’a) hedduu irraa adda kan taasisuudha.
Tooftaaleen Kafaltii kana ittiin baafachuuf dandeessisu torbaan dhufu keessa in ifoomsina jedhe dhaabbatichi.

Tajaajilli kun biyyoota muraasa keessatti muldhachuu kan eegale tahus biyyoota hin eegalinitti dhiyootti eegalas jedhamee eegama.

Kanneen eegale argachuuf:  Kafaltii maallaqaa chaanaalii keessanii ilaaluuf gara Qindoomina Chaanaalii > Istaatistiksii > Tajaajila Kafaltii(Go to Channel Settings > Statistics > Monetization) deemaa ilaalaa

 

2ffaan) Gosa beeksisa haaraa kafaltii argamsiisuuf karaa Cryptocurreny, Toncoin jedhamu Blockchain TON dhaan hojii eegalchiisuu isaati.
Telegram akkasumas gosa beeksisa haaraa kan maallaqa kirpitoo Toncoin fayyadamuudhaan kaffalamuu danda’u kan TON blockchain irratti hundaa’e jalqabeera. Beeksisni kun karaalee filatamoo murtaa’an irratti kaa’amuu kan danda’u yoo ta’u, beeksistoonni haala beeksisni isaanii itti mul’atu irratti to’annoo guutuu akka qabaatan taasisa.


“TON Blockchain kan filanne kaffaltii xiqqaa, saffisa daldalaa olaanaa waan qabuuf – akkasumas baay’ina daldala sekondii tokkotti adeemsisuu danda’uuf olaanaa tahuusaati” jedhe dhaabbatichi.

Namni kamiyyuu amma bot ykn channel isaa beeksisuu danda’a – baajata hanga Toncoins muraasa gadi aanaa ta’een. Yeroo beeksisa Telegram uumtu, chaanaalii sirrii bakka akka mul’atu barbaaddu filatta, kanaaf haala isaanii irratti to’annoo guutuu qabda.

Beeksisa TON irratti hundaa’e uumuu Jalqabuuf, Telegram Ad Platform irratti seenuu qofa.

Beeksisni Telegiraamii wanti adda taasisu: “Beeksisni telegiraamii beeksisa appii biroo irratti argamu irraa baayyee adda. Chaanaalii ummataa gurguddaa qofaan agarsiifamu. Chat, chat list ykn interface biroo keessan keessatti gonkumaa hin mul’atan.
Beeksisni telegiraamii daataa fayyadamtootaa irratti kan hundaa’e miti. Isaanis chaanaalii ati isaan argitu qofa irratti hundaa’u – akkasumas kallattiin abbootii chaanaalii fayyadamu.” jedhameera

 

Kana malees, Dhaabbatichi tapha haaraa ‘NoCoin’ jedhamuun baatii 3 qofa keessatti miseensota Mil.35 ol horate gadi lakkisuudhaan namootni baayeen hirmaachaa turaniiru. Taphichi ammoo maqaa tajaajila ‘Tiktok keessatti beeknu ‘TapTap’ gochuudhaan ‘Coin’ kan lakkaawu yommuu tahu Lakkoofsi ‘Coin’ nuti taphannee Mil.10 ol yoo tahe gara ‘Blockchain TON’ jedhamutti jijjiiruudhaan gara Doolaratti gurgurachuun akka danda’amutu himamaa ture. Taphichi kunis hardha kan xumurame yommuu tahu, Gosti Kafaltii Beeksisaa kan gubbatti eerre akkuma maqaa irraa hubachuun danda’amutti walitti hidhata qabaachuu qofa osoo hin taane dhugummaa taphichaa kan mirkaneesse fakkaata.

Kun dhugaa tahee yoo argamee ‘Blockchain’ keessatti galmaaye, dhaabbatichi Gosta kafaltii dijiitaalaa(Cryptocurreny) hojiirra oolchuu akka deemu agarsiiftuu taha jechuudha. Ammatti dhimmicha taphichaan walqabatu irratti dhaabbatichi ifatti ibsi kenne hin jiru. Obsaan eegaa jirra

 

Related Posts

34 thoughts on “Oduu Gammachiisaa | Namoota Karaa Interneetaa Galii argachuuf hojjattaniif:

  1. Baay’ee kan namatti tolu. Isiinis oduu dabalataan deebi’aa nu kottaa. Akkaataan maxxansaa keessani hedduu namatti tola. Garuu anin kanin jedhu CBE bot garagaraa irratti add godha jedhe irraa deddebi’ee nu gaatus nuus Ulaagaa nu gaafatuu hundaa guutnne garuu waadaa nun jedhan hin kabajaan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *